Fana: At a Speed of Life!

Godina Matakkalitti farreen nageenyaa 23 irratti tarkaanfiin fudhatame

Finfinnee, Sadaasa 18, 2013 (FBC) – Naannoo Beenishaanguul Guumz godina Matakkalitti farreen nageenyaa 23 irratti tarkaanfiin fudhatamuu Komaand Poostiin godinichaa beeksise.

Naannoo Beeniishaanguul Guumz godina Matakkalitti farreen nageenyaa ergama badii garee ABUT irraa fudhachuun lammiilee nagaarra miidhaa qaqqabsiisuuf qophiirra turan 23 irratti tarkaanfiin fudhatamuu Komaand Poostiin godinichaa beeksiseera.

Raayyaan Ittisaa, Poolisiin Federaalaa fi qaamoleen nageenyaa naannichaa qindoominaan tarkaanfii fudhataniin aanaa Maanduraatti farreen nageenyaa 17, aanaa Daanguuritti 2, aanaa Gubaatti farreen nageenyaa 4, waliigala namoota 23 irratti tarkaanfiin fudhatamuu Komaand Poostichi ifoomseera.

Hawaasni naannichaa bifa qindoomina qabuun naannoo isaa eeggachuu akka qabuu fi olaantummaa seeraa kabachiisuuf tarkaanfii qaamoleen nageenyaa fudhachaa jiran deeggaruu akka qaban Komaand Poostichi waamicha dhiyeessuu ragaan Biiroo Dhimmoota Kominiikeeshinii Mootummaa naannoo Beenishaanguul Guumz irraa argame ni muul’isa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo

https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.