Fana: At a Speed of Life!

Godina Matakkalitti humnoota badii irratti tarkaanfiin fudhatame

Finfinnee, Fulbaana 28, 2013 (FBC)- Godina Matakkalitti humnoota badii irratti tarkaanfiin fudhatame.

Godina Matakkal aanoota garagaraa keessa socho’aa kan turan humnoota badii irratti tarkaanfiin fudhatamuu Biiroon Ijaarsa Nageenyaa Naannoo Beeniishaanguul Gumuuz beeksiseera.

Tibbana Godina Matakkal aanaa Daangur ganda Gublaakitti lammiilee nagaarratti miidhaa kan qaqqabsiisan humnoota badii 14 irratti tarkaanfiin yoo fudhatamu 2 ammoo hidhannoo guutuun too’atamuu Hogganaan Biiroo Ijaarsa Nageenyaa Naannoo Beeniishaanguul Gumuuz obbo Gaashuu Duggaaz himaniiru.

Tarkaanfii fudhatameen meeshaa waraanaa kilaash koovii 5 fi meeshaan waraanaa duubatti hafaa 10 too’atamuu ibsameera.

Nannichatti nageenyi akka bu’uuf Raayyaa Ittisa Biyyaa, Poolisii Federaaal fi Humna Addaa Naannichaa waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.