Fana: At a Speed of Life!

Godina Matakkalitti rakkoon muudate gareen juuntaa ijaarsa Hidha Haaromsaa gufachiisuuf humnoota badii waliin qinda’ee kan kakaseedha-Letenaal Jeneraal Asiraat Denneeroo

Finfinnee, Gurraandhala 30, 2013 (FBC)- Rakkoon Nageenyaa naannoo Beenishaanguul Gumuuz godina Matakkalitti muudatee gareen juuntaa ijaarsa Hidha Haaromsaa Guddichaa gufachiisuuf humnoota badii waliin qinda’uun kan kakasee ta’uu qindeessaa olaanaan Komaand Poostii godinicha Leetanaal Jeneraal Asiraat Denneeroon himaniiru.
Jirattoonni aanaa Guubaa naannichaatti nageenyaa waarawaa buusuuf tattaaffii akka taasisaan mirkaneessaniiru.
Godinachatti koree qindaa’aan hundeeffamee jiraattoota waliin mari’ateera.
Jiraattoonni godinichaas marii gaggeeffamerratti nageenyaa naannichaa deebisuuf ga’eesaanii akka ba’atan mirkaneessaniiru.
Korichi erga hundeeffamee booda nageenyi aaniichaa fooyya’uu ibsamera.
Qindeessaa olaanaan Komaand Poostii godina Matakkal Leetanaal Jeneraal Asiraat Denneeroon, mootummaan rakkoo naannichaa furuuf hojjechaa jiraachuu himaniiru.
Godinicha gara misoomaatti deebisuuf taattaaffiin taasifamaa jira jedhaniiru.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.