Fana: At a Speed of Life!

Godina Oomoo Kibbaatti Hospitaaloonni sadarkaa jalqabaa 2 eebbifaman

Finfinnee, Caamsaa 1, 2013 (FBC) – Naannoo Sabaa fi Sablammoota Kibbaa Godina Oomoo Kibbaatti Hospitaaloonni sadarkaa jalqabaa 2 eebbifamaniiru.

Godina Oomoo Kibbaa aanaa Maaleetti Hospitaalli sadarkaa jalqabaa Kooyvee fi aanaa Kibba Ooriitti Hospitaalli sadarkaa jalqabaa Gaazan har’a eebbifamaniiru.

Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan Hospitaaloota kanneen eebbisiisaniiru.

Dooktar Liyaan, tajaajila yaala fayyaa sadarkaa isaa eeggate hawaasa hundaaf laachuuf akka biyyaatti hojii bal’aan hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Naannichatti uwwisa tajaajila yaala Fayyaa mirkaneessuuf maallaqa Baankii addunyaarraa argameen Jiinkaattii Laabraatooriin sadarkaa isaa eeggate kan ijjaarramu ta’uu dubbataniiru.

Naannoo Daangaatti tajaajila fayyaa qaqqabsiisuuf hojjetamaa jiraachuu ragaan Ministeera Fayyaarraa argame ni agarsiisa.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;https://www.facebook.com/fanabroadcasting

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.