Fana: At a Speed of Life!

Godina Shawaa Lixaa aanaa Midaa Qanyiitti balaa konkolaataa qaqqabeen lubbuun namoota 17 darbe

Finfinnee, Bitootessa 17,2012(FBC) – Godina Shawaa Lixaa aanaa Midaa Qanyiitti balaa konkolaataa qaqqabeen lubbuun namoota 17 darbe.
 
Balichi kan qaqqabe har’a ganama sa’aa 2:30tti, magaalaa Baallammiitti.
 
Namoota lubbuu isaanii dhaban 17n ala namoota 13rra balaa cimaa fi salphaan qaqqabeera.
 
Kanneen keessaa 9rratti balaa cimaan, 4 irratti ammoo balaa salphaan qaqqabuu qindeessaan nageenya tiraafikaa aanaa Midaaqanyii iiti aanaan inispeektaraa Addisuu Korreen himaniiru.
 
Namoota miidhamaniif Hoospitaala Amboo fi Hoospitaala Geedootti deeggarsi yaalaa taasifamaafii jira.
 
Konkolaataan deddeebisa ummataa magaalaa Baallammii irraa gara magaalaa Geedootti geessu, imaltoota fe’atee buufata konkolaataa magaalichaa keessaa wayita ba’aa jirutti, konkolaataan Siinootiraakii magaalaa Geedoorraa dhufaa ture irra ba’uun kan mudatedha.
 
Sinotiraakiin lakkoofsi gabatee isaa 3ET 83582 ta’e fireeniin didee irraa gadee saffisaan deemuun konkolaataa xiqqaa lakkoofsa gabatee 4 OR 02597 ta’etti bu’uun, daandirraa maqsuun lafo deemaa tokko galaafateera.
 
Konkolaataan deddeebisa ummataa lakkoofsi gabatee 3 OR 56331 magaalaa Baallammii irraa fe’atee gara magaalaa Geedootti imalchiisuuf deemsa eegalettis bu’uun battala sanatti lubbuu namoota 16 galaafatee, 12 balaa cimaaf saaxileera jedhan.
 
Balichaan waliigalaan lubbuun namnoota 17 darbuu danda’eera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.