Fana: At a Speed of Life!

Godina Walaayittaafi Magaalaa Arbaaminiciitti haala yeroorratti mariin gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Amajjii 22, 2015(FBC)- Godina Walaayittaafi Magaalaa Arbaaminicitti haala yeroo biyyaalessaafi naannoorratti mariin gaggeeffamaa jira.

Jiraattota Magaalaa Arbaaminciifi naannawaashee waliin mariin haala yeroo biyyaalessaafi naannoorratti xiyyeeffate magaalaa Arbaaminictti gaggeeffamuu eegaleera.

Waltajjicharratti Waajjira Muummee Ministiraatti Ministira Qindeessa Ijaarsa Sirna Diimookiraasii obbo Abrahaam Allahinyi, Ministir Deetaa Ministeera Indaastirii Obbo Taarraqeny Bulultaa, Itti waamamaa Mootummaa Naannoo Kibbaa obbo Xilaahuun Kabbadaa dabalatee hoggantoonni olaanoon naannichaa biroon argamuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Bifuma walfakkaatuun hawaasa godina Walaayittaa waliin mariin haala yeroo biyyaalessaafi naannoorratti xiyyeeffate gaggeeffamuu eegaleera.

Waltajjicharratti Ittaantuu Af-Yaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa Aadde Loomii Badhoo dabalatee hoggantoonni olaanoon federaalaa, naannoofi godinaa argamuu eerameera.

Oduma walfakkaatuun, naannoo Uummattoota Kibba Lixa Ityoophiyaa magaalaa Boongaattis marii walfakkaataan gaggeeffamaa jira.

Waltajjicharratti hoggantoonni olaanoon mootummaa federaalaafi naannoo argamaniiru.

Maastawaal Asaffaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.