Fana: At a Speed of Life!

Godina Walaayittaatti filannoo gaggeessuuf qophiin barbaachisu xumuramuu ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 11, 2013 (FBC) – Godina Walaayittaatti filannoo gaggeessuuf qophiin barbaachisu xumuramuu Waajjirri Qindeessaa Filannoo godinichaa beeksiiseera.
Godinichatti naannoleen filaannoo 13, buufataaleen filannoo kumni 20 kan jiran yoo ta’u, paartilee 12tu walmorkata jedhame.
Naannolee filannoo 13 keessaa naannolee filannoo 6 irratti filannoon kan hin gaggeeffamne ta’uu Qindeessan Waajjira Filannoo godinichaatti Qindeessaan Filannoo obbo Mulugeetaa Simi’oon ibsaniiru.
Buufataalee filannoo kuma 1 fi 20 keessaa buufataalee 624 qofarratti filannoon kan gaggeeffamu ta’uu dubbataniiru.
Jiraattoonni miiliyoonni1ol kaardii akka fudhatan karoorfamee namoonni kumni dhibbi 8 kaardii fudhachuu eeraniiru.
Ammatti jiraattoonni kumni dhibbi 6 filannoo kan gaggeessan ta’uu himaniiru.
Filattoonni hafan yeroo itti aanu kan filatan ta’uu eeraniiru.
Paartileen siyaasaa 12 kaadhimamtoota 340 mana maree bakka bu’oota ummataa fi naannoof dhiyeeffachuu himaniiru.
Maastawaal Asaffaatu gabaase.
Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Yuutyuubiihttps://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/
Twiitara Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.