Fana: At a Speed of Life!

Godina Wallagga Bahaa Aanaa Guutoo Giddaatti Allaatiinn miilarraa Koodii addaa qabdu argamte

Finfinnee, Eebila 5, 2014 (FBC) – Godina Wallagga Bahaa Aanaa Guutoo Giddaa Ganda Gaaddisa Odaatti Allaattiin miila isheerraa Koodii addaa qabdu argamuu ibsame.

Aanichatti Allaattiin naannichatti argamtee hin beekne, Miila ishee lamman irraa Kooddii Adda ta’e qabdu argamuu himameera..

Jiraattoonni naannichaa Allaattittii erga to’atanii booda miila lamaan irratti bifa Amartii kan qabu koodii lakkoofsa T7659 fi VU 4649 qabaachuu mirkaneessaniiru jedhame.

Nyaata gosa garagaraa fi bishaan kennamuufiis lagachuun ishee mirkanaa’eera.

Allaattiin kun karaa dheeraa deemtee dhufuun wantoonni muul’isaan jiraachuu fi bakka sibiilli itti maramee jiru irratti madaa cimaan kan muul’atu ta’uu ragaan namoota irraa arganne ni muul’isa.

Taateen kun kana dura naannichatti uumamee kan hin beekne ta’uu jiraattoonni nannawaa sanaa kaasaniiru.

Galaanaa Tasfaatu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.