Fana: At a Speed of Life!

Godina Wallagga Bahaatti jiraattonni aanaa Sibuu Siree hiriira nagaa bahanii ABO Shanee Balaaleffatan

Finfinnee, Amajjii 6, 2013 (FBC)- Godina Wallagga Bahaatti jiraattonni aanaa Sibuu Siree hiriira nagaa bahanii ABO Shanee Balaaleffatan.
Jiraattonni Magaalichaa kumaatamatti lakka’aman, abbootiin bajaajotaa fi konkolaattotaa adda addaa dhaadannoowwan ABO Shaneen diina Ummata Oromooti.
ABO Shaneen Wayyaanee Afaan Oromoo dubbattuudha.
Akka OBN gabaasetti awwala Wayyaanee fi ABO shanee irratti Badhaadhina biyya keenyaa ni mirkaneessina jedhu dhageessisaa Magaalaa Siree keessa naanna’uudhaan Istaadiyeemii Magaalaa Sireetti walitti qabaman.
Bulchaan aanaa Sibuu Siree obbo Tamasgeen Gammadaa hiriiricharratti haasawaa taasisan keessatti yeroo ammaa yeroo ummanni Oromoo biyya ogganaa jirutti gochii ABO Shaneen Ummata keenyarratti hojjechaa jirtu gocha qaanessaafi farrummaa dha.
Ummanni Magaalaa Sireefi aanaa Sibuu Siree ergamtoota wayyaanee kana balaaleffachuun sirriidha.Ammas tokkommaa keessan cimsattanii faana dhooftanii of keessaa baasuu qabdu jedhan.
Bulchaan Godina Wallagga Bahaa obbo Alamaayyoo Tasfaa hiriiricharratti argamanii haasawaa taasisan keessatti ABO Shaneen garee kaayyoofi galma hiqabne karoora Wayyaanee galmaan ga’uuf kan socho’uudha.
Karuma kamiin iyyuu ummata Oromoo bakka bu’uu hin danda’u. Kanaafuu Juuntaa wayyaanee waliin awwalcha isaanii gadifageessinee gara Misooma keenyaatti akka deebi’nuuf cimuu qabna jedhan.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.