Fana: At a Speed of Life!

Godina Wallaggaaa Bahaatti tarkaanfiin Shaneerratti fudhatamu cimee itti fufuu ibsame

Finfinnee, Hagayya 3, 2014(FBC)- Godina Wallaggaa Bahaa aanaalee garaagaraa keessatti tarkaanfiin garee shororkeessaa Shaneerratti fudhatamu cimee itti fufuu ajajaa olaanaan kutaa waraanaa naannawichaa ibsan.

Godinichatti aanaalee Giddaa Ayyaanaa, Kiramuu, Ibantuu, Haroo Liwuufi Limmuu keessatti tarkaanfiin garicharratti fudhatamu cimee itti fufuu eerameera.

Duula loltummaa  qindaa’aa garicharratti fudhatameen miseensonni garichaa 49 booji’amuu, 5 irratti tarkaanfiin fudhatamuufi ergamtoonni 50 ammoo garichaaf osoo odeeffannoo dabarsanii to’atamuu ibsameera.

Duulichaan doqdoqeewwan garichi dhaabbilee mootummaafi dhuunfaarraa saamee itti fayyadamaa ture 18, bilbiloonni 44, meeshaaleen garaagaraa 26, boba’aan baarmeelli 25 fi Birrii kumni 74 fi 795 to’atamuu ajajichi dubbataniiru.

Dabalataanis duula qindaa’aa garicharratti taasifameen beelladoota garicha uummata ganda Gaatiraarraa same 40 abbootii qabeenyaaf deebisuu ragaan Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.