Fana: At a Speed of Life!

Godina Walloo Kibbaatti lammiilee qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’an kuma dhibbi 3 fi kuma 50 deeggarsi dhiyaachaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Fulbaana 9, 2014 (FBC) – Naannoo Amaaraa Godina Walloo Kibbaatti lammiilee qe’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’an kuma dhibba 3 fi kuma 50 oliif deeggarsa dhiyaachaa jiraachuu Waajjirri Hoggansa Sodaa Balaa fi Wabii Nyaataa godichaa beeksiise.

Lammiilee sababa waraanaan iddoolee garaagaraarraa buqqa’an deeggaruuf mootummaan xiyyeeffannoo laachuun hojjechaa jiraachuu ibsameera.

Hawaasa manneen barnootaa 22 keessa qubatanii jiraniif hanga ammaatti midhaan nyaataa kuntaalli kumni 36 dhiyaachuu Itti gaafatamaan waajjirichaa obbo Masaay Maaruu Faanaa Broodkaastiing Korporeetiif himaniiru.

Mootummaan Lammiilee kanneeniif bu’uuraalee barbaachisan guutaa jiraachuu ibsaniiru.

Hawaasnii fi dhaabbileen deeggartootaa deeggarsa taasiisan cimsanii akka itti fufan obbo Masaay gaafataniiru.

Buqqaatoota manneen barnootaa keessa qubatanii jiran iddoo tursaa birootti geessuuf hojjetamaa jiraachuus himaniiru.

Kadir Mahaammadiitu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.