Fana: At a Speed of Life!

Godinni Arsii Lixaa lammiilee Godina Baalee Bahaa hongeen miidhamaniif deeggarsa taasiise

Finfinnee,Gurraandhala 21, 2014 (FBC) – Bulchiinsi Godina Arsii Lixaa lammiilee Godina Baalee Bahaa Hongeen miidhamaniif Miidhaan Nyaataa Kuntaala kuma 3 ol deeggarsa taasiiseera.
Godinichi deeggarsa akaakuu Birrii miiliyoona 10tti tilmaamamu taasiisuu bulchaan Godina Arsii Lixaa obbo Ahimad Hajii ibsaniiru.
Hawaasni Godina Baalee Bahaa hongee kanarraa hanga dandamatutti deeggarsi taasiifamu cimee kan itti fufu ta’uus himaniiru.
Itti aanaa Bulchaan Godina Baalee Bahaa obbo Muhammad Ismaa’iil aadaan wal-gargaarsaa duudhaa Oromummaa isa ganamaa ta’uu himuun, Godinni Arsii Lixaa yeroo 2ffaaf deeggarsa gumaacheef galateeffachuu ragaan waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii Godina Arsii Lixaarraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.