Fana: At a Speed of Life!

Godinni Goojjam Bahaa barattoota kuma 10 bilisaan barsiisuufi jedhame

Finfinnee, Fulbaana 10, 2014 (FBC)- Bulchiinsi godina Goojjam Bahaa barattoota garee Shorokeessaa ABUT’tiin barnootasaanii alaa ta’an kuma 10 bilisaan barsiisuuf murteesseera.

Godinichi barattoota sababa weerara fi ajjeechaa jumlaa garee shororkeessaa kanaan barnoota isaanii ala ta’an aanaalee fi bulchiinsa magaalotaa godiinicha jala jiranitti waggaa tokkoof bilisaan barsiisuuf murteessuu isaa ibsameera.

Gareen shororkeessaa kun gocha suukkanneessaa dhala namaarratti raawwateen alatti dhaabbilee garaagaraa kan barbadeessee fi daa’immaan maatii malee hambisuu fi barattoota barnootaan ala taasisuu bulchaan godina Goojjam Bahaa Obbo Abrahaam Ayyaalew ibsaniiru.

Godiinichi barattoota kutaa 5ffaa hanga 12ffaa jiran waggaa tokkoof bilisaan barsiisuuf kan murteesse ta’uu obbo Abrahaam himaniiru.

Barattoonni kunneenis calalamanii akka ergamaniif guyyaa boruu waajjira barnootaa mootummaa naannoo Amaaraa fi qajeelcha barnootaa Walloo Kaabaa xalayaan kan gaafatan ta’uu obbo Abrahaam ibsuusaanii AMK gabaaseera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.