Fana: At a Speed of Life!

Googl fayyadamtoonni Huwaawee haaraan appilikeeshinoota koo akka hin fayyadamne jechuun akeekkachiise

Finfinnee, Gurraandhala 17, 2012 (FBC) – Googl yeroo dhiyoodhaa asitti oomishoonni Huwaawee gabaaf dhiyaatan appilikeeshinoota koo akka hin fayyadamne jechuun akeekkachiisera.

Googil fayyadamtoonni Huwaawee haaraan appilikeeshiniisaa maddoota hin beekamnerraa akka hin fe’anne jedheera.

Oomishni Huwaawee haaraan appilikeeshinii Googl Pleey akkasumas Gmeeyil, Yuutuubii ykn appilikeeshinii kaartaa Googl buusuun fayyadamuu akka hin dandeenye ibseera.

Yaa ta’u malee fayyadamtoonni bilbila Andirooyidii appilikeeshinoota nageenyuummaan isaanii hin eegamne buufachuun fe’uu danda’uu isaanitu ibsame.

Googl akeekkachiisa isaatin appilikeeshinoota maddoonni isaanii hin beekamnerraa buufatanii fayyadamuun miidhaa qabaachuu akka malu ibseera.

Maddi:-BBC

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.