Fana: At a Speed of Life!

Goondaritti namoonni yakkoota addaddaatin shakkaman 32 to’ataman

Finfinnee, Eebila 22, 2012 (FBC) – Magaalaa Goondaritti namoonni yakkoota addaddaatin shakkaman 32 to’annoo jala ooluu manni maree nageenyaa magaalichaa beeksise.

Namoonni kanneen naannoo Goondar, Qusquwaam, Walaqaa fi Arbaabbaatti yakkoota addaddaa raawwachuudhan barbaadamaa turaniiru jedheera manni marichaa.

Shakkamtoonni gurmaa’udhaan dhukaasa banuun nagaa ummataa booressaa turaniirus jedhameera.

Namoonni kanneen gabaa ugguruu, saamicha raawwachuu, ummata sodaachisuu fi ajjeechadhaanis barbaadamaa turaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.