Fana: At a Speed of Life!

Gootni Kaarraa Maarraa Alii Baarkeen boqotan

Finfinnee, Caamsaa 28, 2015 (FBC)- Gootni Kaarraa Maarraa, Miseensi Duraanii Raayyaa Ittsaa Biyyaa Alii Barkee addunyaa kanarraa du’an boqotan.

Gootni Alii Barkee dhibee isaan mudateen wal’aanamaa turuun, umurii waggaa 72ffaatti boqotaniiru.

Gootichi Alii Baarkee miseensa duraanii Raayyaa Ittisa Biyyaa kan turan yoo ta’u, umrii ijoollummaa isaaniin biyyaa irraa diina qolachuuf duuluu seenaan isaanii ni argisiisa.

Waraanni Somaaliyaa Ziyaad Baarreen hogganamu wayita Ityoophiyaa weeruuf dhufetti, gootota raayyaa ittisa biyyaa weeraricha qolachuuf duulan keessaa Alii Baarkee tokko turan.

Alii Baarkeen waraanaa sanarratti boombiidhaan diinarraa taankii booji’uun gootummaa isaaniin kan yaadatamaniidha.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.