Fana: At a Speed of Life!

Goototni waggoota 30 booda Ispeen Baarseloonaatti walargan

Finfinnee, Fulbaana 17, 2015 (FBC) – Bara Faranjootaa 1992 Olompikii Baarseloonaarratti fiigicha meetira kuma 10 dubartootaan Afrikaarraa meedaaliyaa Warqee kan argamsiisan Pireezidaantiin Federeeshinii Atileetiksii Ityoophiyaa Daraartuu Tulluu fi Atileetiin Afrikaa kibbaa Elinaa Maayer magaalaa injifannoo galmeessan Baarseloonaatti waggoota 30 booda walarganiiru.

Tuuriizimii Ispoortii fi Olompikii Baarseloonaa waggaa 30ffaa kabajuuf sagantaa qophaa’erratti gootonni kunneen walarguu ragaan federeeshiniicharraa argame ni mul’isa.

Boonsituu Afriikaa kan taate Atileet Daraartuu Tulluu Olompikicharratti fiigicha meetira kuma 10’n Meedaaliyaa Warqee jalqaba argamsiisuun seenaa hojjetteetti.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.