Fana: At a Speed of Life!

Guddataan umrii waggaa 11 ulfaatina kiilo giraama 100 kaasuu danda’e

Finfinnee, Muddee 22, 2012 (FBC) – Guddataan lammii Raashiyaa umuriin isaa waggaa 11 ta’e ulfaatina kiilo giraama 100 kaasuun namoota ajab jechisiisee.

Guddattoonni hedduun yeroo boqonnaa isaanii viidiyoo ilaaluu fi taphattoota garagaraatti dabarsu.

Tiimoreey Kiliiviikn baadiyyaa Raashiyaatti dhalatee gudate.

Yeroo boqonnaa isaa giddugala ga’umsa sosochii qaamaa (jiimnaaziyamii) keessatti ispoortii garaagaraa hojjechuun dabarsa.

Tiimoreey yeroo umuriin isaa waggaa shan turetti abbaan isaa mana ispoortii ulfaatinaa (jiimnaaziyamii) galuun ispoortii yoo hojjetu arguun fedhiin ispoortii ulfaatinaa hojjechuu horachaa dhufe.

Abbaan Tiimoreey feedhii mucaa isaa ilaaluun sosochii ispoortii ulfaatina garaagaraa akka leenji’uu fi dorgommii irratti akka hirmaatu ni jajjabeessa ture.

Haaluma kanaan yeroo umuriin isaa 6 naannichatti dorgommii ispoortii ulfaatinaa adeemsifame irratti dorgomuun ulfaatina kiilo giraama 55 kaasuun kanneen umuriin isaa caalaa faana dorgomee mo’achuun murteessitoota ajab jechisiisera.

Dorgommii ulfaatina kaasuu Cheeliyaa Biiniskitti adeemsifameen ulfaatina kiilo giraama 100 kaasuu danda’eera jedhame.

Yeroo itti aanutti ulfaatina kiilo giraama 105 kaasuun galmee dinqisiisoo addunyaa irratti galmaa’uuf qophii taasisaa jiraachuun himameera.

Maddi:-Oodiit Seentiraal

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.