Fana: At a Speed of Life!

Gufuuwwanii fi Qormaatileen duubatti nun deebisan – MM Abiy Ahimad

 

Finfinnee, Onkololeessa 15, 2014 (FBC) – Gufuuwwanii fi Qormaatileen duubatti nun deebisan, riqicha ta’uun nu tajaajilu jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad

Addunyarratti argannoon furtuu ta’an kan argaman,teeknooloojiwwan ajaa’ibsiisoo ta’an kan kalaqaman qormaata keessatti ta’uu ibsan.

Qormaata keessatti qofa osoo hin taane gufuuwwan gara carraatti jijjiiruuf biyyoonni cimanii hojjetan jiraachuu seenaan addunyaa nu barsiiseera jedhan fuula feesbuukii isaaniin.

Hundi keenya yeroo kana waltumsuun haala jiru carraa gaariitti jijjiiruuf yoo fayyadamne yeroon itti aanu Ityoophiyaaf Badhaadhina hundagaleessaa akka ta’u shakkii hin qabu jedhan.

Humna keenya qindeessuun, hanqina keenyaa guutuun, kaayyoo tokkoof hiriiruun, xumura diinoota Ityoophiyaarratti missiraachoo Badhaadhina Ityoophiyaa ni dhageessiifna jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.