Fana: At a Speed of Life!

Gulantaan guddinaa fi meedaaliyaan hoggantootaa fi miseensota Raayyaa Ittisaaf kenname ga’umsa isaanii qofani – Jeneraal Ababaawu Taaddasaa

Finfinnee, Amajjii 14, 2014 (FBC) – Gulantaan guddinaa fi meedaaliyaan hoggantootaa fi miseensota Raayyaa Ittisaaf kenname ga’umsa isaanii qofan ta’uu itti aanaan Itaamaajoor Shuumiin Humna Waraanaa Waliigalaa Jeneraal Ababaawu Taaddasaan ibsan.

Gulantaan guddinaa fi meedaaliyaan hoggantootaa fi miseensota Raayyaa Ittisaaf kenname raawwii dirqamaa Raayyaa Ittisa Biyyaa hubannaa keessa kan galche ta’uu Jeneraal Ababaawu Taaddasaa himaniiru.

Balaa birmadummaa biyyarratti aggamamee ture akka Ummataatti qindaa’uun hojii hojjetameen waraanichi yeroo gabaabaa keessatti xumuramuu danda’eera jedhan.

Raayyaan Ittisa Biyyaa yeroo ammaa gahumsaa fi qophummaa amansiisaa irratti kan argamu ta’uu Jeneraal Ababaaw Taaddasaan dubbataniiru.

Garee shororkeessaa ABUT Ityoophiyaa diiguuf diinota keessaafi alaa waliin ta’uun, hanga Shawaa Kaabaatti dhufee kan ture ogummaa hoggansa qindaa’een injifannoon argame gootummaan cimaa Raayyaa Ittisa Biyyaa kan itti mul’aseedha jedhan.

Raayyaan Ittisa Biyyaa ammas yeroo kamiyyuu caalaa ga’umsa olaanaa irratti kan argamu ta’uu eeraniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.