Fana: At a Speed of Life!

Gumiin Olaanaa Dhimmoota Islaamummaa Oromiyaa tamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisuuf murteewwan dabarse

Finfinnee, Bitootessa 22, 2012 (FBC) – Gumiin Olaanaa Dhimmoota Islaamummaa Oromiyaa tamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisuuf murteewwan dabarse.
 
Gumichi qajeelfamaa fi hojimaata yeroo qormaataa ilaalcha keessa galchuudhan murtiilee addaddaa dabarseera.
 
Tamsa’ina vaayrasichaa ittisuuf, yeroo hin murtoofnef sirni amantii masjiidaa akka dhaabbatu murteessuusaa beeksiseera.
 
Kana booda yeroo hin murtoofnef, tamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisuuf sirni amantii hordoftoota baay’ee masjiidatti walitti qabu hin gaggeeffamu jedheera.
 
Salaatni mana manatti kan gaggeeffamu yammuu ta’u, azaannis yeroosaa eegee sagada manatti gaggeeffamuuf ni raawwatama.
 
Barnoonni amantaa jamaa walitti fiduu fi waltajjiiwwan namoota hedduu sassaaban kamuu yeroodhaf dhaabsifamaniiru.
 
Yeroo rakkinaa kanatti harka qalleeyyii gargaarun akka cimu, namoota hubannaa hin qabneef hubannaa uumuun akka itti fufu dhaamera.
 
Gumichi hawaasni Muusliimaa dhibicharraa akka of eegus dhaamera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.