Fana: At a Speed of Life!

Gurgurtaa elektirikaa biyyoota ollaatti taasifamerraa galiin Doolaarri miiliyoonni 32 ol argamuu ibsame

Finfinnee, Amajjii 5, 2015(FBC)- Baattiiwwan 5’n darbanitti biyyoota ollaatti gurgurtaa elektirikaa taasifamerraa galiin Doolaarri miiliyoonni 32fi kumni dhibbi 6 ol argamuu Humni Elektirikaa Ityoophiyaa beeksise .

Baatiiwwan shanan darbanitti gurgurtaa elektirikaa Sudaaniifi Jibuutiif dhiyaaterraa galiin Doolaarri miiliyoonni 32.61 argamuu Daayrektarri Komunikeeshinii Humna Elektirikaa Ityoophiyaa obbo Mogas Makonnin ibsaniiru.

Galiin argame kan bara darbee yeroo walfakkaataan walibira qabamee yoo madaalamu Doolaara miiliyoona 6.2n hir’isuu ibsuun, kanaaf ammoo sababni haalli itti fayyadama elektirikaa Sudaanitti waan gadi bu’eef ta’uu ibsuusaanii TOI gabaaseera.

Biyyoota lameeniif sa’atiitti Kiiloowaattiin miiliyoonni dhibbi 5 fi miiliyoonni 80 dhiyaachuu kaasaniiru.

Bu’uura waliigaltee dhiyeenya mallatteeffameen Ityoophiyaan gara Keeniyaatti humna elektirikaa dhiyeessuu eegaluus ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.