Fana: At a Speed of Life!

Guugil fayyadamtootaa sodaa saayibarii olaanaa qaban kuma 10f furtuu nageenya iccitii laachuuf ta’uu ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 2, 2014 (FBC) – Guugil fayyadamtootaa haaraa sodaa saayibarii olaanaa qaban kuma 10f furtuu nageenya iccitii laachuuf ta’uu ifoomse.
Buttoonni (Hakaroonni) namoota dhuunfaa fi dhaabbileen damee sona saayibarii hordoftoota olaanaa qabanirratti xiyyeeffachuu isaaniin Guugil fayyadamtootaaf ergaa of eeggannoo fi sagantaa Ittisaa Advaansi jedhamu akka hojiirra oolchan hubachiisaa tureera.
Baatiwwan muraasa keessatti hoggantoota siyaasaa, falmitoota mirga namoomaa fi qaamolee sodaa saayibarii olaanaa qabanirraa yakka saayibarii ga’aa jiru ittisuuf hojmaata nageenyaa hojiitti hiikuun dirqama ta’aa dhufuu beeksiiseera.
Haaluma kanaan Guugil fayyadamtootaa haaraa sodaa saayibarii olaanaa qaban kuma 10f furtuu nageenya iccitii laachuuf ta’uu ifoomseera.
Guugil baatii Fulbaanaa keessa qofa Akkaawuntii Jiimeeyilii kuma 14 olirratti yaaliin haleellaa saayibarii taasiifamuu isaaniin of eeggannoo laachaa turuu ibseera.
Furtuun eeggumsa Iccituu kun meeshaalee gama USB Haard weerii Kompiyuutarrarratti suuqqaman ta’uu ibsameera.
Furtuun nageenya Iccitii kun haleellaan saayibarii fi Akkaawuntiirratti akka hin raawwanne kan ittisuudha jedhame.
Guugil Furtuu nageenya Iccitii kana fayyadamtootaaf raabsuuf dhaabbilee teeknooloojii hedduu waliin hojjechaa jiraachuu ibsameera.
Furtichi yakka haleellaa saayibarii raawwattu ittisuuf shoora olaanaa qabaachuus dubbatameera.
Maddi:-BBC
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.