Fana: At a Speed of Life!

‘Maatii, Fira, Ollaa, hiriyaa fi kan rakkate gammachiisuun kabajuun uumaarraa eebba argachuudha’ – Muftii Hajii Umar Idiriis

Finfinnee, Caamsaa 5, 2013 (FBC) – Ayyaanni Iid Al Faxirii waggaan 1442ffaan sirna hoo’aa ta’een Istadiyeemii magaalaa Finfinneetti kabajamaa jira.
Kabaja ayyaanichaarratti Dureewwan amantichaa, Itti aantuu Kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanachi Abeebee, Ministiroonni garaagaraa, Dippiloomaatoonni, hordoftoonni amantichaa fi keessummoonni kabajaa argamaniiru.
Sirnicharratti kan argaman Preezdaantiin Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Ityoophiyaa Muftii Hajii Umar Idiriis ergaa dabarsaniin ‘guyyaa har’aa hawaasni Musiliimaa jaalalaa fi tokkummaan dabarsuu qabu’ jedhan.
Maatii, Fira, Ollaa, hiriyaa fi kan rakkate gammachiisuun kabajuun uumaarraa eebba argachuudha jedhan.
Ayyaanni Iid Al Faxirii bara kanaa wayita kabajnu jaalala, tokkummaa, walii yaaduu fi walgargaaruun duudhaa afuuraa amantichaa caalmaatti babal’isuun ta’uu akka qabu ibsaniiru.
Dhimmoota biyyaarratti garaagarummaa tokko malee irree tokkoon dhaabbachuun dirqama amantaalee hundaati jedhan keessummaa kabajaa ta’uun kan argaman Itti aantuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Aadde Adaanach Abeebee.
Hawaasni Musiliimaa Wayita Soomaa Ramadaanaa jalqabee tokkummaa fi jaalalli biyyummaa agarsiisan kan dinqisiifamuudha jedhan.
Qaama kamiiyyuu osoo hin miidhiin dhimmoota faayidaa biyyaalessaarratti tokkummaan dhaabbachuun dirqama lammii biyya tokkooti jedhan.
Hawaasni musiliimaa shira biyya keessaa fi alaa Ityoophiyaarratti xaxamaa jiru fashaleessuuf hirmaannaa taasiisan galateeffataniiru.
Hordoftoonni amantaa Islaamaa fi ummanni Ityoophiyaa marti wayita ayyaanaa kana kabajan weerara vaayrasii koroonaaf of eggannoo cimaa taasiisuu akka qaban hubachiisaniiru.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.