Fana: At a Speed of Life!

Guyyaa har’aa sa’aatii 11:30 irraa eegalee gaaddiddeessi aduu kan  uumamu ta’uu gabaafame

Finfinnee, Onkololeessa 15, 2015(FBC)- Guyyaa har’aa sa’aatii 11:30 irraa eegalee gariin gaaddiddeessi aduu kan uumamu ta’uu gabaafameera.

Waggaa kana keessa yeroo 2ffaaf gariin gaaddiddeessi aduu kun kan uumamu yoo ta’u, addeessi aduufi lafa gidduu waan darbituuf kan uumamu ta’uu ibsameera.

Gariin gaaddiddeesi Aduu kun Kaaba Baha Afrikaa, Eeshiyaa Lixaafi Giddugaleessaa, Giriinlaand, Ayislaand, kutaa Awurooppaa garaa caaluu irratti kan mul’atu ta’uu CNNfi CGTN gabaasaniiru.

Gaaddiddeessi aduu kun dhiya keessaa sa’aatii 11:30 irraa eegalee hanga galgala keessaa sa’aatii 3:30’tti  sa’aatiiwwan 4’f kan turu ta’uu ibsameera.

Gaaddiddeessa aduu kana ilaaluuf ofeeggannoo barbaachisaa taasisuuniifi golga ijaa tajaajila kanaaf hojjetame fayyadamuun barbaachisaa ta’uu yaadachiifameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.