Fana: At a Speed of Life!

Guyyaa sabaaf sablammootaa 16ffaa kabajamuuf qophiin xumurame

Finfinnee, Sadaasa 22, 2014 (FBC) – Bulchiinsi magaalaa Dirree Dawaa Guyyaa sabaaf sablammootaa 16ffaa kabajamuuf qophii xumuruu beeksiise.
Guyyaan sabaaf sablammootaa 16ffaan bara kanaa ‘Obbolummaa tokkummaa sabdaneessaa biyyaalessaaf’ mata duree jedhuun magaalaa Dirree Dawaatti kan kabajamu yoo ta’uu, qophiin barbaachisu xumuramuu kaantibaan Magaalaa Dirree Dawaa obbo Kadir Jawaar ibsaniiru.
Yeroo ammaas keessummoota kallattii garaagaraarraa ayyaanicha kabajuuf dhufan simachuuf qophiin taasiifamaa jiraachuu kaasaniiru.
Ayyaanichi haala qajeelfama weerara Covid-19 ittisuuf ba’e yaada keessa galchuun kan kabajamu ta’uus obbo Kadir eeraniiru.
Kanaafis dhaabbileen yaalaa fi ogeeyyiin yaala fayyaa ga’aan qophaa’uu dubbataniiru.
Rakkoo nageenyaa tokko malee karaa nagaan kabajuuf qaamoleen nageenyaa qophii barbaachisu xumuruu ibsaniiru.
Sirna kabaja ayyaannichaarratti sagantaan arjoommii dhiigaa Raayyaa Ittisaa fi sirni walharkaa fuudhinsa Waancaa Hidha Haaromsaa naannoo biroo waliin kan taasiifamu ta’uu himaniiru.
Tashoomaa Hayiluutu gabaase.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.