Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan Ashaaraa magariisaa of eeggannoo cimaan ni gaggeeffama – Obbo Nigusuu Xilahuun

Finfinnee, Caamsaa 28, 2012 (FBC) – Sagantaan dhaabbii biqiltuu guyyaa Ashaaraa magariisaa of eeggannoo cimaan kan gaggeeffamu ta’uu itti gaafatamaan Seekreetaariyaat Preesii Waajjira Muummee Ministiraa obbo Niguusuu Xilahuun dubbatan.

Sagantaan dhaabbii biqiltuu guyyaa ashaaraa magaariisaa bara kanaa naannoo Ummattoota Kibbaa magaalaa Hawaasaa gaara Taaboorirratti har’a ni eegalama.

Itti gaafatamaan Seekreetaariyaat Preesii Waajjira Muummee Ministiraa obbo Niguusuu Xilahuun saganticha ilaalchisuun ibsa laataniiru.

Guyyaa eeggumsa naannoo Ityoophiyaatti yeroo 27ffaaf, akka idila addunyaatti ammoo yeroo 47ffaa har’a magaalaa Hawaasaatti kabajamu sababeeffchuun sagantaan dhaabbii biqiltuu ifaan kan eegalu ta’uu ibsaniiru.

Sagantaamn kun sadarkaa federaalaatti magaalaa Hawaasaatti kan eegalu yoo ta’u, kutaalee biyyatti hundattis ni eegalama jedhan.

Naannoo Oromiyaa godina Shawaa Kibba Lixaa aanaa Wanciitti,naannoo Amaaraa godina Goojjama aanaa Miicaatti,naannoo Gaambeellaa godina Anyuwaakitti, naannoo Beeniishaanguul Guumz godina Matakkal aanaa Anduraatti sagantaan dhaabbii biqiltuu guyyaa har’aa kan eegalu ta’uu obbo Nigusuun ibsaniiru.

Sagantaan gaggeeffamu weerara vaayrasii koroonaaf akka hin saaxilamne of eeggannoo cimaan kan gaggeeffamu ta’uu himaniiru.

Haguuggii fuulaa fi fageenya ofii eeggachuun of eeggannoon barbaachisu hundi sirna kanarratti ni taasifama jedhan.

Wayita kana weerara vaayrasichaa ittisuuf mootummaan qophii ga’aa taasisuu obbo Niguusuun himaniiru.

Qonnaan bultoonni biyyattii ooyrii isaanii keessa biqiltuu akka dhaaman haalli mijachuu ibsaniiru.

Hojii dhaabbii biqiltuu bara darbeerraa muuxxannoo argamerraa ka’uun bifa fooyyee qabuun bara kana qophiin barbaachisu xumuramuu eeraniiru.

Weerara vaayrasii koroonaarraa of eegaa hawaasni ashaaraa isaa kaa’uu akka qabu waamicha dhiyeesaniiru.

Bara kana biqiltuu biiliyoona 5 dhaabuuf karoorfamuu himaniiru.

Biqiltuun bara darbe dhaabbatte %84 latuus ibsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.