Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan dhibeewwan xiyyeeffannoo barbaadanii godina Jimmaatti kabajamaa jira

Finfinnee, Amajjii 22, 2015(FBC)- Sadarkaa biyyaatti guyyaan dhibeewwan xiyyeeffannoo barbaadanii godina Jimmaatti kabajamaa jira

Guyyichi akka biyyaatti yeroo sadaffaaf kabajamaa kan jiru yoo ta’u, hoggantootni fedaraalaafi naannoo, akkasumas bakka bu’ootni dhaabbata fayyaa adduunyaa hojiiwwan hojjatamaa jiran daawwataniiru.

Ministir Deetaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaan, dhibeewwan dagatamoon kanneen akka tiraakoomaa, onkoo sarkaasisiifi kanneen biroo biyyoottan guddataa jiran keessatti rakkoo dinagdeefi hawaasumma olaanaa qaqqbsiisaa jiraachuu dubbataniiru.

Ityoophiyaan dhibeewwan kanneen dhabamsiisuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Ittaanaan Hogganaa Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dooktar Kushaa Balakoon gamasaaniin,  bara 2014’tti namoonni miiliyoonni 40 ol tajaajila wal’aansa dhibeewwan xiyyeeffannoo barbaadanii dabalatee dhaabbilee fayyaatti tajaajila deddeebi’anii wal’aanamuu argachuu eeraniiru.

Godina Jimmaatti waggoottan darban keessatti namoota kuma 30fi 500niif tajaajila baqasanii yaaluu qola ijaa taasisuun miidhaa qaroo jaamuu mudachuu malu ittisuun danda’amuu Itti Gaafatamaan Waajjira Eegumsa Fayyaa godinichaa  obbo Fu’aad Saabit himaniiru.

Muktaar Xahaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.