Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan dhufaatii Waaqayyoo ni dhufa, yaaddoo jedhuun lammiileen Ugaandaa gara Ityoophiyaatti godaanan

Finfinnee, Bitootessa 21, 2015 (FBC) – ‘Guyyaan dhufaatii Waaqayyoo ni dhufa, duutii fi buqqaatiin ni jiraata’ yaaddoo jedhuun lammiileen Ugaandaa dhibbaatamaan lakkaawwaman gara Ityoophiyaatti Godaanuu Ministeerri Dhimma Alaa beeksise.

Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Mallas Alam dhimmoota garaagaraarratti miidiyaaleef ibsa laataniiru.

Guyyaan dhufaatii Waaqayyoo ni dhufa yaaddoo jedhuun lammiileen Ugaandaa Dhibbaatamaan lakkaawwaman Kiiloo Meetira hedduu imaluun gara Ityoophiyaa seenuu Ambaasaaddar Mallas Alam ibsa isaaniin eeraniiru.

Hordoftoonni Amantaa Kutaa Baha Ugaandaa jiraataan dhibbaatamaan lakkaawwaman guyyaa dhufaatii Waaqayyoo kana baqachuun gara Ityoophiyaatti godaanuu isaanii Poolisiin Ugaandaa beeksiseera.

Abbootiin Amantaalee guyyaan dhumaatii addunyaa naannawaa kanaa eegala jechuu isaanii hordofee lammiileen kunneen gara Ityoophiyaatti baqachuu isaanii Poolisiin biyyattii himeera.

Sababa kanaan lammiileen kunneen qabeenya isaanii gurgurachuun godaansaaf saaxilamuu miidiyaan Ugaandaa gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.