Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan hundeeffama Tiyaatira Ityoophiyaa waggaa 100ffaan kabajame

Finfinnee, Eebila 6, 2013 (FBC) – Guyyaan hundeeffama Tiyaatira Ityoophiyaa waggaa 100ffaan sirna ho’aan kabajameera.
Sirna kabaja kanarratti Itti aantuu Kaatibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanachi Abeebee, Ministira ministeera Aadaa fi Tuurizimii Dooktar Hiruut Kaasaw,Ministira Ministeera Barnootaa Dooktar Injinar Geetahuun Makuriyaa dabalatee hoggannoon mootummaa olaanoon biroo fi ogeeyyiin aartii buleeyyii fi dargaggoonni argamaniiru.
Tiyaatirri ijaarsa biyyaa keessatti ga’ee guddaa qabaachuu Itti aantuun Kaatibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee ibsaniiru.
Aadde Adaanach aartiin ijaarsa biyyaa keessatti shoora olaanaa waan qabuuf bulchiinsi magaalichaa deeggarsa barbaachisu kamiiyyuu ni taasisa jedhan Fuula Feesbuukii isaaniin.
Ogeeyyii Aartii guddina Aartii Tiyaatiraa Ityoophiyaa keessatti qooda olaanaa taphatan galateeffataniiru.
Aartii Tiyaatiraatiif xiyyeeffannoo barbaachisu laachuun manneen Tiyaatiraa Finfinneetti argaman haaroomsa barbaachisu taasiisuun tajaajilaaf oolchuuf proojektoonni gurguddoo hojjatamaa jiraachuu ibsaniiru.
Guyyaan hundeeffama Tiyaatira Ityoophiyaa waggaa 100ffaan kun eda galgala qophiilee imala waggaa 100 Tiyaatirichaarratti xiyyeeffataniin kabajameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.