Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan kabaja sabaa fi sablammoota yeroo 15ffaaf Sadaasa 24 – 29,2013ttii magaalaa Finfinneetti kabajama

Finfinnee, Sadaasa 22, 2013 (FBC) – Guyyaan kabaja sabaa fi sablammoota yeroo 15ffaaf Sadaasa 24 – 29,2013ttii magaalaa Finfinneetti akka kabajamuu Af -Yaa’iin Mana Maree Caffee Oromiyaa aadde loomii Badhoo ibsan.

Guyyaa kabaja sabaa fi sablammoota yeroo 15ffaaf Sadaasa 24 – 29,2013ttii magaalaa Finfinneetti dhaadannoo” walqixummaa fi sabdaneessa badhaadhina waliin” jedhuun akka kabajamuu Af -Yaa’iin Mana Maree Caffee Oromiyaa aadde loomii Badhoo ibsaniiru.

Ayyaanichiis akka waggootan darban garaagarummaa keenya calaqisiisuun kan walirraa nu fageessu otuu hin taanee walitti dhufeenya keenya kan ciimsuudha jedhaniruu.

Yeroo ayyaanichii kabajamuus, Raayyaa Ittisa Biyyaa olaantummaa seeraa kabachiisaa jiruuf dhiiga arjoomuun, lammiilee buqqa’aanif deebisanii dhaabuun, biqiltoota dhaabaman kununsuu fi kan bara dhufuu dhaabbii biqiltuuf of qopheessuun kabajama.

Akkasumaasnamoota vaayrasii koroonaan miidhaman gargaaru, ijaarsa hiidha guddichaaf ijaarsa eegalame galmaan geessisuuf gurgurtaa boondii fi gochoota kanneen biroo raawwachuun kan kabajamuu ta’uu aadde Loomiin hubachiisaniiru.

Jamiilaa Jamaltu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.