Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan nageenya wallaannamtootaa kabajamaa jira

Finfinnee, Fulbaana 7, 2013 (FBC) – Guyyaan nageenya wallaannamtootaa sadarkaa idil addunyaatin si’a 2ffaaf kabajamaa jira.
 
Guyyichis “Nageenyi qaamolee tajaajila fayyaa kennanii, nageenya wallaannamtootatiif duursi kan laatamuufidha.” jedhuun kabajamaa jira.
 
Guyyichis Ityoophiyaatti Hoospitaala Yaadannoo Zawdituutti ogeeyyii fayyaa vaayrasiin koroonaa irratti argame galateeffachuun eegalameera.
 
Saganticharrattis ministir deettaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaan argamuun, nageenya namoota wallaansa fayyaa hordofaniif nageenyi ogeeyyii fayyaa hangam barbaachisaa akka ta’e vaayrasiin koroonaa muul’iseera jedhan.
 
Ityoophiyaatti ogeeyyiin fayyaa 1,400 vaayrasichaan yoo qabaman, 2 ammoo lubbuu isaanii dhabaniiru.
 
Xumurri ayyaanichaas bakka ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan argamanitti sirnoota addaddaan Galma Barkumeetti kabajama.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.