Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan nageenyaa har’a addunyaarratti kabajamaa jira

Finfinnee, Fulbaana 11, 2012 (FBC)- Guyyaan nageenyaa har’a sadarkaa idil addunyaatti kabajamaa jira.

Guyyaan nageenyaa mata duree nageenya waliin haa buusnu(Shaping Peace Together) jedhuun guyyaa har’aa sadarkaa idil addunyaatti kabajama akka jiru Dhaabbannii Mootummoota Gamtoomanii beeksisee.

Guyyichi barbaachisummaa nageenyaa irratti mari’achuun guyyaa tokkoof dhukaasni kamiiyyuu akka hin dhukaane akkasumaas dhuukaasni akka dhaabbatu kan itti taasifnuudha jedheera.

Guyyaa kana yoo yaadannu weerara COVID-19 idil addunyaa waliin taanee akka ittisnu dhaabbatichi yaadachiisera.

Qaamni hundi meeshaa isaa ol kaa’uun weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf shooraa isaa ba’uu akka qabu Barreessaa olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutareez waamicha dhiyeessaniiru.

Dhaabbannii Mootummoota Gamtoomanii guyyaa hundeeffama isaa waggaa 75ffaa kabajaa kan jiru yoo ta’u, addunyaan nageenyii fi badhaadhinanni itti mirkanaa’ee akka taatu hawwii qabuu ibseera.

Guyyaan nageenya bara baraan Fulbaana 21 kabajamee ni oola.

Maddi:-DHMG

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.