Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan Tamboo aarsuu addunyaa Ityoophiyaatti yeroo 29ffaaf kabajamaa jira

Finfinnee, Caamsaa 23, 2013 (FBC)- Guyyaan Tamboo aarsuu addunyaa Ityoophiyaatti yeroo 29ffaaf kabajamaa jira.

Guyyichi wayita kabajamuu Tamboo aarsuun dhiibbaa inni qabu hawaasa hubachiisuu fi addunyaa Tamboorraa bilisaa taatee uumuuf yaadameeti jechuun Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan himaniiru.

Guyyichi mata duree ‘ Tamboo ni aarsuu ? eegaa dhaabuuf murannoo qabaadhaa’ jedhuun  sadarkaa addunyaatti yeroo 34ffaaf akka Ityoophiyaatti ammoo yeroo 29ffaaf kabajamaa jira.

Vaayrasii koroonaa waliin walqabsiisee namoonni Tamboo aarsaan dhibeen itti cimuu fi du’aaf saaxilamoodhaa jedhaniiru.

Addunyaarratti waggaatti namoonni miiliyoonni 8 sababa taamboo aarsaaniif du’aaf ni saaxilamuu jedhameera.

Tamboo keessaa keemikaaloonni kumni 7 kan argaman yoo ta’u %70 fayyaa kan miidhaniidha jedhameera.

Akka gabaasa EBCtti Tamboo aarsuun dhibee kaansariif kan saaxiluu yoo ta’uu, bara Faranjootaa 2016 qorannoo taasifameen Ityoophiyaatti aarsitoonni Tamboo miiliyoonni 3.2 akka argaman ibsameera.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.