Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan tuuriizimii addunyaa Jigjigaatti kabajamaa ture xumurame

Finfinnee, Fulbaana 19, 2013 (FBC) –Guyyaan tuuriizimii addunyaa magaalaa Jigjigaatti kabajamaa ture xumurame.
Guyyichi sadarkaa Ityoophiyaatti si’a 33ffaaf, akka addunyaatti ammoo si’a 41ffaaf kabajameera.
Guyyichi mata duree “Tuuriizimiin misooma baadiyyaatif” jedhuun gaggeeffamaa tureera.
Sirnichi sadarkaa biyyaatti si’a 33ffaaf naannoo Somaaleetti guyyootii sadan darbaniif kabajamaa tureera.
Xumura sagantichaarrattis qopheessituun bara 2014 naannoo Sidaamaa ta’uun ibsameera.
Dorgommiiwwan guskii fardaa, daawwiin hawwattoota tuuriizimii naannichaa, agarsiisni faashinii fi qophiileen addaddaa sirnichaan keessummeeffamaniiru.
Ministirri Ministeera Aadaa fi Tuuriizimii Dooktar Hiiruut Kaasaaw xumura sagantichaarratti hirmaattotaaf beekamtii laataniiru.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.