Fana: At a Speed of Life!

Guyyoota kurnan itti aanaan akka biyyattitti namoonni miiliyoona 25 talaallii vaayirasii koronaa talaalamu

Finfinnee, Waxabajjii 4, 2014 (FBC) – Bulchinsi Magaala Dirree Dhawaa marsaa 3ffaa talaallii vaayirasii koronaa kennuu eegaleera.
 
Duula talaallii kana kan jalqabsiisan De’eetaa Ministiraa Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaa yoo ta’an, guyyoota kurnan itti aanaan akka biyyattitti namoonni miiliyoona 25 talaallii vaayirasii koronaa akka talaalaman beeksisaniiru.
 
Vaayirasiin koronaa yaadoo fayyaa ta’uu bira darbee, miidhaan sochii hawaas-dinagdeerraan ga’u olaanaa waan ta’eef, talaalamuun tooftaa ittisa vaayirasichaa filmaata biraa hinqabne ta’uu eeruun, milkaa’ina duulichaaf hunduu gumaachuu akka qabu gaafataniiru.
 
Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar gama isaaniin, talaallii vaayirasichaa duraan kenname akka milkaa’uuf gahee abbootiin amantaa bahataniif galateeffataniiru.
 
Hawaasni akka talaalamuuf dhaabbileen mootummaa fi kanneen biroon gumaacha akka taasisan hubachiisaniiru.
 
Guyyoota kurnan itti aanaanitti Bulchiinsa Magaala Dirree Dhawaattis talaalliin vayirasii koroonaa duulaan kan kennamu ta’uu ibsaniiru.
 
Tashoomaa Haayiluutu gabaase.
 
Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
 
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
 
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.