Fana: At a Speed of Life!

Haadha Rifeensa dheeraa addunyaa kanaa-Ashaa Maandeelaa

Finfinnee, Hagayya 13, 2014(FBC)- Ashaa Maandeelaan dheerinni rifeensa ishee meetira 33 yeroo ta’u galmee dinqisiisoo addunyaarratti galmoofteetti.

Hadhi rifeensa guduruu kun Ameerikaa Filooriidaa kan jiraattu yoo ta’u bara faranjootaa 2009tti rifeensa guduruu meetira 5.8 dheeratuun  riikordii addunyaa kanaa  qabachuun galmee dinqisiisoorratti galmoofte.

Maanguddoo umrii waggaa 60 kan taate Ashaan, umriishee ganna 40 irraa kaastee riifensa ishee dheeressuu kan eegalteefi yeroo ammaa  dheerinni riifeensa ishees meetira 33 gahuu ibsiteetti.

Rifeensa ishee kana haalaan kan jaallattuufi muruuf fedhii kan hin qabne ta’uu dubbatti.

Abbaan warraa ishee Imaanu’eel Cheegeen ogeessa rifeensa guduruu yoo ta’an yeroo isaanii baay’ee rifeensa haadha warraa isaanii kunuunsuun kan dabarsan ta’uu ibsaniiru.

Rifeensi haadha warraa isaanii kun torbanitti si’a tokko kan miiccamuufi shampoo hanga qaruuraa 6 kan fixu akkasumas gogsuuf ammoo  guyyaa lama kan fudhatu ta’uu eeraniiru.

Maddi:- Yuu Pi Aay Niwus

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.