Fana: At a Speed of Life!

Haadholiin siinqee nageenya waaraa buusuuf ga’ee olaanaa qabu- Aadde Sa’aadaa Usmaan

Finfinnee, Onkololeessa 17, 2013 (FBC) –Biiroon Dhimma Dubartootaa Daa’immanii fi Dargaggootaa Oromiyaa haadholii Siinqee godinaalee Oromiyaa irraa dhufan waliin marii gaggeessaa jira.

Hooggantuun Biiroo Dhimma Dubartootaa Daa’immaniifi Dargaggootaa Oromiyaa aadde Sa’aadaa Usmaan, waltajjii kanarratti duudhaa Oromoo keessaatti dubartoonni kabaja qabu jedhaniiru.

Haati siinqee nagaa buusuu keessaatti ga’ee olaanaa qabdi waranaas dhaabuu dandeessi jedhaniiru.

Kanaaf haadholiin siinqee nageenya waaraa buusuuf ga’eesaanii ba’uu qabun dhaaman.

Biiroo Aadaa fi Turizimii Oromiyaatti qorataa olaanaa aadaa fi seenaa, obbo Sintaayyoo Tolaa nageenya buusuu keessaatti haadholiin siinqee akkamiin ga’ee isaanii ba’uu qabu irratti leenjii kennaafi jiru.

Haadholiin Siinqee kunneen Hawwaan naannoo Somaalee akkuma isaanii hojii nageenya buusuu irratti hojjetan waliinis muuxannoo waljijjiiru jedhameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.