Fana: At a Speed of Life!

Haadholin vaayrasii koroonaan yoo qabamaniyyu daa’imasaanii harma hoosisuu qabu- DhFA

Finfinnee, Adooleessa 28, 2012 (FBC) –Daa’imman haaraa dhalataan harma hoosisuun faayidaa argamuurra sodaa dhibee COVID-19 fiduurra caalmaattii oolaanaa waan ta’ee haadholiin vaayrasii koroonaan yoo qabaman daa’ima isaanii harma hoosisuu qabu jechuun Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa beeksise.

Daayrektarri Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dooktar Teedroos Adhaanoom, haadholiin vaayrasii koroonaan yoo qabamaniiyyu daa’imman isaanii harma hoosisuu qabu jedhaniiru.

Daa’imman harma hodhuu isaaniif faayidaa argatan dhiibbaa vaayrasichaan qaqqabuurra olaanaa ta’uu dubbataniiru.

Dooktar Teedroos kana dubbatana torbe hubannoo uumuu harma hoosisuu idil addunyaa wayita dhiyaatetti yoo ta’u, haadholiin vaayrasichaan shakkaman ykn ammoo qabamuun isaanii mirkanaa’ees daa’ima isaanii harma hoosisuu akka qabaman dhaamaniiru.

Daa’imma haaraa dhalatanii fi daa’imman harma hoosisuun faayidaan inni laatuu sodaa infeekshinii COVID-19 dhufuurra harka caalmaa qaba jedhaniiru.

Maddi:-Rooyitars

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.