Fana: At a Speed of Life!

Haakerootni meeshaa talaallii vaayirasii koroonaa qorrisiisuuf gargaaru irratti xiyyeeffachuu himame

Finfinnee, Sadaasa 25, 2013 (FBC) – Haakerootni meeshaa talaallii vaayirasii koroonaa qorrisiisuuf gargaaru irratti xiyyeeffachuu himame.
Walitti hidhaminsi ykn cancalli oomisha talaallii vaayirasii koroonaa idil adunyaa namoota intarneetaan cabsanii seenuun ragaa fudhataniin irratti xiyyeeffatamuu dhaabbatni IBM hime.
Kaampaanichi akka jedhetti haala walitti hidhaminsa raabsaa ”cancala qorrisiiftuu” talaallichaa, haala qilleensaa barbaachisaa keessa kaa’uuf gargaaru irratti duulli banamuu bira gaheera jedhe.
Eenyummaan haakeroota kanneenii hin baramne garuu haalli isaan ittiin cabsanii galuuf yaadan biyya kam irraa akka tahe ni agarsiisa jedhe kaampaanichi.
Akeekkachiisa mootummoota akka Yuunaayitiid Kingidaam kanneen talaallicha irratti qorannoo gaggeessan turan akka hordofaa jirus ibseera.
Ergaan karaa imeelii dogoggorsu gara biyyoota jahaatti ergameera jedhame. Ergaawwan kunneenis dhaabbilee meeshaalee qabbaneessituu talaallicha qopheessanitti kan ergame yoo tahu dhaabbatni Gavi jedhamu miiltoo dhaabbilee kanneenii kan tahes keessatti argama.
Miiltoowwan dhaabbata Gavi Dhaabbata Fayyaa Adunyaa, Unicef, Baankii Adunyaa fi Bill and Melinda Faawundeeshin kanneen jedhamanidha.
Addunyaa irratti bakkeewwan hiyyeeyyiitti talaallicha rabsuuf kanneen hojjetanidha.
Yeroo tokko tokko cancala qorrisiiftuu [Cold Chain] barbaada.
IBM akka jedhetti dhimmichi garee nageenyaa odeeffannoon kan beekamu yoo tahu gareen kun weerara koroonaavaayirasii irraa eegaluun haleellaa saayibarii mudachuu danda’u kannen hordofaa turanidha.
Haleellaan saayiberii ammaa kun biyya tokkoon akka qindeeffame kan agarsiisudha jedhe kaampaanichi.
Haakerootni kunneen ”qabeenyaa fi yeroo isaanii balleessanii akkasumaan waan akkasii hin hojjetan jedhee waan itti yaadamee hojjetamedha” jedhe.
Ejensiin nageenya Saayiberii fi bu’uuraalee misoomaa Ameerikaa [Cisa] dhaabbileen talaallii Covid oomishanii fi geejibsiisan haleellaa gama interneetaan isaan mudachuu danda’u dhaabbatni IBM gabaase irratti akka of eeggannoo gochuu qaban dhaameeraaf.
Waxabajji keessa Yuunaayitiid Kiingidam tikni Raashiyaa qorannoo talaallii koroonaa keenyaa irratti xiyyeeffataniiru jechuun akeekkachiistee ture.
Yuunayitiid Isteet dabalataan haakeroota Chaayinaa irraa akka of eeggataniif kan akkeekachiiste yoo tahu dhiyeenya ammoo Maayikiroosofti haakeroota Kooriyaa Kaabaa fi Raashiyaa qorannoo talaallii Covid irratti yaalii godhan argadheera jedhee ture.
Maddi:- BBC
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.