Fana: At a Speed of Life!

Haala barnoota dhaabbilee olaanoo eegaluun danda’amuurratti  mar’atamaa jira

Finfinnee, Fulbaana 11, 2012 (FBC)- Haala barnoota dhaabbilee olaanoo eegaluun danda’amuurratti Yuunivaarsiiti Jimmaatti mariin gaggeeffamaa jira.

Waltajjichaan dhaabbilee barnoota olaanoo bara 2012 weerara vaayrasii koroonaa ittiisuu hojjiwwan hojjeetaa turan ni gamaggama.

Agarsiifni hojiwwan kalaqaa weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf hojjeetamaan Yuunvarsiitii Jimmaa mooraa guddicha keessaatti banameera.

Agarsifni kunis torbee tokkoof akka turuu ibsameera.

Dhaabbileen barnoota olaanoo hojiwwan gama qorannoo, taajajilaa hawaasaa fi cee’umsa teeknooloojiirratti hojjeta turan qabachuun dhiyaataniiru.

Sirnicharratti Ministirri Ministeera Saayinsii fi Dhabbilee Barnoota Olaanoo Dooktar Saamu’eel  Hurkatoo akkasumaas mana mare bakka bu’oota ummataatti walitti qabduun  koree dhaabbii misooma  humna namaa fi teeknoolooji aadde Immiyyee Bitaawuu fi keessuummonni biroon argamu ragaan Ministeera Saayinsii fi Dhabbilee Barnoota Olaanooarra arganne ni muul’isaa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.