Fana: At a Speed of Life!

Haala shororkeessummaa ittisuun danda’amurratti mari’atamaa jira

Finfinnee, Waxabajjii 23, 2013 (FBC) – Waajjirra Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti mariin haala shororkeessummaa ittisuun danda’amurratti xiyyeeffate gaggeeffamaa jiraachuu ibsameera.
Ministir Deettaan Damee seera Kabachiisuu Ministeera Nageenyaa aadde Firee’alem Shibaabbaw maricharratti hirmaataniiru.
Hojiilee Ityoophiyaan shororkeessummaa ittisuuf hojjetaa jirtu ilaalchise yaa’ichaaf ibsa laataniiru.
Ityoophiyaan shororkeessummaa ittisuuf biyya deeggartuu olaantuu ta’uu eeraniiru.
Dhaabbileen hojii farra shororkeessummaarratti hojjetan biyyoota 200 marii kanarratti hirmaachuu ragaan Ministeera Nageenyaarraa argame ni agarsiisa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.