Fana: At a Speed of Life!

Haalli jiru hormaata Bookee Busaaf mijataa waan ta’eef hawaasni of eeggannoo taasisu qaba jedhame

Finfinnee, Hagayya 29, 2012 (FBC) – Haalli qilleensaa walhormaata Bookee Busaaf mijataa waan ta’eef hawaasni naannoo dhibichi itti mudatu jiraatu of eeggannoo cimaa taasisuu akka qabu Ministeerri Fayyaa hubachiise.
 
Ministeerichatti qindeessaan sagantaa Bookee Busaa biyyalessaa Mabraahitooma Hayila Faanaa Broodkaastiing Koorporeetiif akka himanitti, haalli qilleensaa yeroo ammaa jiru walhormaata Bookee Busaaf mijataa waan ta’eef of eeggannoo cimaan godhamuu akka qabu yaadachiisaniiru.
 
Manneen jireenyaa miiliyoona 2.8 irratti Keemikaalaa farra Bookee Busaa biifuuf karoorfamee miiliyoonni walakka ol raawwatamuu ibsaniiru.
 
Hanqinni dhiyeessii keemikaala farra bookee busaa gabaa addunyaarratti kan muudate ta’uu himaniiru.
 
Bookeen Busaa keemikaalichaan walbaraa waan jiruuf keemikaalaatti fayyadamuurra Agoobaratti fayyadamuutti galamaa jira jedhan.
 
Bara baajataa darbeetti namoota miiliyoona 1.7 dhibee Busaan qabaman keessaa namoonni 213 lubbuu dhabaniiru.
 
Naannolee ooyruu qonnaa bal’inaan qabanitti dhibeen kun akka hin muudannee fi yoo muudates ariitiin too’achuuf tajaalilli wallaansaa socho’aa fi yeroo qophaa’aa jiraachuu obbo Mabraahitoom Hayila ibsaniiru.
 
Misikkir Sinaaffiqitu gabaase
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.