Fana: At a Speed of Life!

Haalli Roobaa Waktiilee itti aananii qonna gannaaf faayidaa olaanaa qabaachuu ibsame

Finfinnee,Adoolessa 8, 2012 (FBC) – Haalli Roobaa Waktiilee itti aananii qonna gannaaf faayidaa olaanaa qabaachuu Ejansiin Meetrooloojii Biyyaalessaa beeksise.
 
Seenni gannaa Baatii Waxabajjii keessa haalli Roobaa ture gaarii ta’us darbee darbee aduun kan ture ta’uu ejansichi ibseera.
 
Jalqaba bara oomishaa kanatti haalli roobaa ture qonna gannaaf mijataa ta’us iddoo tokko tokkotti Roobni idilee ol ta’e muul’achuu ejansichaatti daayreektarri Raaga fi of eeggannoo duraa aadde Caalii Dabalee Faanaa Broodkaasting Koorporeetiif himaniiru.
 
Haalli Roobaa kun baatiwwan gannaa cimee kan itti fufu ta’uu eeraniiru.
 
Haalli Roobaa Waaktiilee ganna dhufuu keessa itti fufu kun qonna gannaaf murteessaa ta’uu kaasaniiru.
 
Roobni haala idilee ol ta’e oomishaalee hamma bishaanii olaanaa barbaadanii fi marga dheedumsaaf faayidaa olaanaa qabaachuu aadde Caaliin ibsaniiru.
 
Rooba hanga ammaatti Roobeen lafti haalaan waan jiidheef carraan ariitiin gara lolaatti jijjiirramuuf qabu bal’aa ta’u hubachuun qonnaan bultoonni gamanumaan of eeggannoo barbaachisu taasisuu akka qaban hubachiisaniiru.
 
Haalli Roobaa muul’atu oomishaalee hanga walakkeessa baatii Adoolessatti faca’aniif mijataa ta’uu Ministeera Qonnaatti daayreektarri misooma midhaanii obbo Isaayyaas ibsaniiru.
 
Iddoolee tokko tokkotti garuu hammi Roobaa dabalaa waan jiruuf qonnaan bultoonni of eeggannoo barbaachisu taasisuu akka qaban yaadachiisaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.