Fana: At a Speed of Life!

Hambaalee kunuunsuun eeggachuun barbaachisaadha -preezdaant Saahilawarq

Finfinnee, Amajjii 11, 2012 (FBC) – Ayyaana Cuuphaa galmee hambaa kiliyaa addunyaarratti galmaa’e kunuunsuun caalmaan beeksisuun murteessadha jedhan preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen.

Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen ayyaana Cuuphaa Goondaritti kabajamaa jirurratti argamuun ergaa dabarsaniiru.

Ayyaannan hamaa kiliyaa Ityoophiyaan Dhaabbata Barnoota, Saayinsii fi Aadaarratti galmeessifatte keessaa ayyaanni Masqalaa, Sirna Gadaa, Fiichee Cambalaalaatti aanuun ayyaanni Cuuphaa hambummaan galmaa’uu eeraniiru.

Biyyi keenyi akkuma biyyoota biroo hambaalee ishee baayyinaan biyya galmee Dhaabbata Barnoota, Saayinsii fi Aadaa/ UNESCO/ irratti galmeesiifte keessa tokko yoo taatu, Afrikaarra ammoo biyya jalqabaati jedhaniiru.

Akkaatuma kanaan hamaablee biroo biyya keenyaa kunuunsuun galmee Dhaabbata Barnootaa, Saayinsii fi Aadaa galmeessisuun murteessaa ta’uu ibsaniiru.

Dhaloonni ammaa hambaalee biyya keenyaa hunda beekee, kunuunsee dhaloota dhalootatti dabarsuu akka qabus dubbataniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.