Fana: At a Speed of Life!

Hafteen meeshaalee umrii waggaa miiliyoona 1.4 Ityoophiyaatti argame

Finfinnee,Adoolessa 8, 2012 (FBC) – Hafteen meeshaalee dhalli namaa waggoota miiliyoona 1.4 dura itti fayyadamaa ture Ityoophiyaatti argamuu himame.
 
Hafteen meeshaalee dhalli namaa waggoota miiliyoona 1.4 dura Lafee Roobiirraa hojjechuun itti fayyadamaa turan Koonsootti argamuu mirkanaa’e.
 
Hafteen meeshaalee durii qorattoota Ityoophiyaa fi Jaappaaniin argame kun umrii fi ogummaan inni ittiin hojjetame kanneen kanaan dura argamanirraa adda ta’uu ibsameera.
 
Akka gareen qorattoota Antiroopooloojii Pooliiwaa Koonsoo fi Abbaan Taayitaa Qorannoo fi Eeggumsa Hambaalee ibsetti argannoon kun barruu Akkaadaamii Saayinsii Qorannoo Ameerikaatiin maxxaffameera.
 
Qorattoonni akka jedhanitti dhalli namaa dhagaarraa meeshaalee bocee itti fayyadamuu kan eegale waggoota miiliyoona 2.6 dura.
 
Keessattuu waggoota miiliyoona 1.7 hanga kuma dhibba 2tti dhalli namaa dhagaa ‘Ashuuliiyaan’ jedhamutti fayyadamaa akka ture ibsameera.
 
Sanyiin dhala namaa Hoomoo Erreektas jedhamu waggoota miiliyoona 1.7 dura Koonsootti meeshaalee bocuun itti fayyadamaa turuun isaa kan mirkanaa’e yoo ta’u, argannoon haftee meeshaalee ammaa kun lafee Tafaa Roobirraa kan hojjetame ta’uu ibsameera.
 
Meeshaan waa muruuf tajaajilu kun seentii meetira 13 kan dheeratu akka ta’e gareen qorattoota biyyoota lameenii ibsaniiru.
 
Meeshaan Koonsootti argame kun meeshaalee hanga ammaatti qorannoo Arkiiyooloojiin argaman hundurra umriin dheeraa fi ogummaa addaan kan hojjetame ta’uu himameera.
 
Hafteen meeshaalee durii kun lafee Tafaa gara olii Roobirraa kan hojjetame ta’uu qorannoon mirkanaa’eera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.