Fana: At a Speed of Life!

Hagayya dhumaa as galmeen barattootaa hin jalqabamu -Ministeera Barnootaa

Finfinnee, Adoolessa 27, 2012 (FBC) – Hagayya dhumaa as galmeen barattootaa kan hin jalqabamne ta’uu Ministeerri Barnootaa FDRI beeksise.
 
Manneen barnootaa tokko tokko maatii dirqisiisuun galmee jalqabaa jiraachuu kan eere ministeerichi, kun dhoorkaa ta’uu beeksiseera.
 
Daayreektarri koominikeeshinii ministeerichaa aadde Haaragwaa Maammoon Hagayya dhumaa as galmee gaggeessun akka hin danda’amin eeraniiru.
 
Manniin barnootaa qajeelfamicha darbanirratti tarkaanfiin ni fudhatamas jedhan.
 
Yeroon galmee kan dheereffame sababii weerara vaayrasii koroonatiin ta’uun hubannaa keessa galuu qabas jedhan.
 
Maatin barattootatis odeeffannoo sobaarraa of qusatanii ittisa vaayrasii koroonaarratti akka tumsan gaafataniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.