Fana: At a Speed of Life!

Haleellaa gareen ABUT tokkummaa Ityoophiyaarratti akeekaa jiru waloon qolachuun barbaachisaadha jedhame

Finfinnee, Adooleessa 13, 2013 (FBC) – Haleellaa gareen shororkeessaa ABUT tokkummaa Ityoophiyaarratti akeekaa jiru waloon qolachuun barbaachisaa ta’uu Daayreektarri olaanaan Tajaajila Nageenyaa fi Odeeffannoo Biyyaalessaa obbo Tamasgeen Xirunahi ibsaniiru.

Tajaajilli Nageenyaa fi Odeeffannoo Biyyaalessaa fi bulchiinsi mootummaa naannoo Oromiyaa haala yeroo ilaalchisee waloon magaalaa Gondoritti ibsa laataniiru.

Yaada gareen Shororkeessaa ABUT Ityoophiyaa qoqqoodanii haleeluuf karoorfate fashaleessuun murteessaa ta’uu ibsa waloon laataniin himaniiru.

Warraanni gaggeeffama jiru ummata Amaaraa waliini wal-fakkeessaa kan jiru garee Juuntaa ABUT kan jedhan Obbo Tamasgeen, yaadni qooqqodoni bituu garee ABUT kan itti jiraateefi Ityoophiyaa qooqqoduuf ittii fayyadama.

Garichi gam tokkon rakkoon kiyya hayyoota Amaaraati jedhudhus, naannoo Afaaritti haaleellaan raawwate kaayyoo Ityoophiyaa waraanuuf qabate ifatti kan agarsiisudha jedhan Obbo Tamasgeen.

Preezdaantiin Mootummaa Naaannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan gama isaaniin, Ityoophiyaanoonni dura irraa kaasee, tokkummaa keenya eguun qormaata heddu dabarsiniiru jedhan.

Abbootiin keenya Ityoophiyaan yeroo qormaatni ishee muudatu, tokkummaan dhabbachun aarsaa barbaachisu kaffaluun balaa biyya irratti aggaammamme qoolachaa turan jedha.

Gareen shororkeessaa ABUT ummata amantaa fi sabaan qooqqodun kaayyoo isaa milkeessuf yaaluun isaa waan hin oole ta’uus, Ityoophiyaanonni hundi, waliin dhabbachuu fi aarsaa barbaachisu kaffaluun biyya teenya ni tuumsina jedhaniru obbo Shimallis.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.