Fana: At a Speed of Life!

Haleellaa Idliibitti raawwatteen loltoonni Tuurk 33 ajjeefaman

Finfinnee, Gurraandhala 20, 2012 (FBC) – Haleellaa Loltoonni Bashir Alaasaad Sooriyaa bulchiinsa Idliibiitti raawwataniin loltoonni  Tuurk 33 ajjeefamuu ibsameera.

Loltoonni kunneen haleellaa  humna xiyyaaraan ajjeefamuu isaanii aanga’aa olaanaan biyyattii tokko dubbataniiru.

Haleellaa kana sababeeffachuun Tuurk tarkaanfii duub deebii loltoota Sooriyaarratti xiyyeeffate eegaltee jirti jedhame.

Aanga’oonni Sooriyaa hanga ammaatti dhimmicha ilaalchisee yaada tokko hin laanne jedhameera.

Idliib iddoo mormitoonni Tuurkiin deeggaraman baayy’inaan keessatti aragaman ta’uu isheetu himama.

Naannicha too’achuuf loltoonni Bashir Alaasaad irra deddeebiin tarkaanfii fudhachaa jiru jedhameera.

Naannichaatti Raashiyaan Alaasaad yoo deeggarstu, Tuurk ammoo mormitoota deeggaraa jiraachutu himame.

Sababa kanaan Raashiyaa fi Tuurk ejjoonnoon isaan Sooriyaarratti qaban faallaa ta’aa dhufee jira jedhame.

Maddi :-BBC

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.