Fana: At a Speed of Life!

Haleellaa Jarman keessatti qaqqabeen lubbuun namoota 9 darbe

Finfinnee, Gurraandhala 12, 2012 (FBC) – Haleellaa Jarman dhihaa magaalaa Hanaaw keessatti qaqqabeen lubbuun namoota 9 darbuu poolisiin biyyattii beeksiseera.

Haleellaa hoteela keessatti qaqqabeen kanneen du’aniin alatti namoonni 5 madaa’aniiru.

Namni haleellaa qaqqabeen shakkames yeroo xiqqoo booda manasaa keessatti of ajjeesuusaa Twiitariisaarratti barreessera.

Poolisiin Jarmanis nama kana malee namni shakkamu kan biro hin jiru jechuun beeksiseera.

Poolisoonni naannichaa namicha haleellaa qaqqabsiise to’achuuf sa’aatii torbaaf adamsaa turan jedhameera.

Namichi haleellaa qaqqabsiise kun hoteela Shiishaa jedhamu seenuun namoota 3 erga ajjeesee booda baarii fi reestooraantii Areenaa jedhamu keessatti ammo namoota 5 ajjeesera jedhame.

Kaayyon haleellichaa haga ammaatti ifa ta’uu baatus poolisiin qorannoo gaggeessan jira jedheera.

Bakki haleellaan itti qaqqabe Hanaaw magaalaa Firaankifart irraa gara bahaatti kiilomeetira 25 fagaattee argamti.

Maddi:-BBC

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.